Itiyoophiyaan baay'ina oomishaalee gara Azarbaajanitti ergitu dabaluuf ejjeennoo cimaa qabdi - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan baay'ina oomishaalee gara Azarbaajanitti ergitu dabaluuf ejjeennoo cimaa qabdi
Amajjii 8/2017 (TOI) - Itiyoophiyaan baay'ina oomishaalee gara Azarbaajanitti ergitu guddisuu fi babal’isuuf kutannoo akka qabdu Ministirri Daldalaa fi Tumsa Naannaawwaa Doktar Kasahuun Gofee ibsan.
Doktar Kaasahuun Goofee jila itti aanaa Ministira Dhimma Alaa Azarbaajaan Yaalchiin Raafiyeeviin durfamu waliin mari’ataniiru.
Marii isaanii kanarratti Doktar Kaasaahuun Goofee Itiyoophiyaan baay'ina oomishaalee gara Azarbaajanitti ergitu guddisuu fi babal’isuuf kutannoo akka qabdu ibsaniiru.
Mariin jilicha waliin taasifames tumsa biyyoonni laman damee diinagdee irratti qaban guddisuuf boqonnaa haaraa kan banee fi carraawwan bal'aa jiran adda baasuuf kan dandeessisedha jedhaniiru.
Gara fuula duraattis hariiroo diinagdee fi daldalaa keenya guddisuuf carraa dabalataa jiran qorachuuf tarsiimoowwan dandeesisan irratti wal hubannoorra geenyerra jedhaniiru.
Dabalataanis waliigaltee bal’aa taasisuun tumsa diinagdee yeroo dheeraa uumuuf waliigaluu himaniiru.
Oomishaalee Itiyoophiyaan gara Azarbaajanitti ergitu keessaa oomishaaleen akka Saliixaa, Buna akaa'ame, Talbaa, Foon Re'ee fi Hoolaa keessatti argamu.