Ji'oota jahan daraban Dippilomaasii lammilee irratti xiyyeeffateen Itiyoophiyaanota kuma 32 ol gara biyyaatti deebisuun danda'ameera

Amajji 8/2017(TOI) - Ji'oota jahan daraban Dippilomaasii lammilee irratti xiyyeeffateen Itoophiyaanota biyyoota garaa garaatti haala rakkisaarra turan kuma 32 ol gara biyyaatti deebisuun danda'amuu Ministeerri Dhimma Alaa beeksise.

Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoo haala waqtaa dippilomaasii fi dhimmoota qunnamtii alaa ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kennaniiru.

Ibsa isaaniin raawwii hojii ji'a jahaa ministeerichaa, dippilomaasii lammileerratti xiyyeeffate, walitti dhufeenya Itiyoo- Somaalee fi dhimmoota biroo kaasaniiru.

Ibsa isaaniin ji'oota jahan darbe gama dippilomasiin milkaa'inni guddaan argameera jedhaniiru.

Itoophiyaan biyyoota naannawwaa waliin tumsa hundagaleessa uumuuf hojjecha jiraachuu beeksisaniiru.

Akka fakeenyaattis waliigaltee ijaarsa daandii Itiyoophiyaa fi Sudaan Kibbaa walqunnamsiisuuf taasifame dabalatee Itiyoophiyaan hanga elektirikii Keeniyaaf ergitu dabaluuf waliigalteerra gahamuu eeraniiru.

Waliigalteewwan walitti dhufeenya gamlamee faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa eegsisan baay'een ji'oota jahan darban raawwatamuus ibsaniiru.

Daawwannaan Hoggantootaa olaanoo fi mariin adda addaa 128 geggeeffamuus eeraniiru.

Dippilomaasii lammileerratti xiyyeeffateenis ji'oota jahan darban lammilee Itoophiyaa biyyoota adda addaatti haala rakkisaa keessa turan kuma 32 fi 918 gara biyya isaaniitti deebisuun danda'amuu himaniiru.

Ji'oota jahan darban kana biyyoota ollaa waliin walitti dhufeenya gamlamee fi hawaasa hojiin cimsan raawwatamuus ibsa isaaniin eeraniiru.

Waliigaltee Ankaaraa hordofee Pirezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Maahammud daawwannaa isaan Itiyoophiyaatti taasisan walitti dhufeenya biyyoota lamaanii gara duraan turetti kan deebisuuf carraa guddaa kan uumedha jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015