Magaalaa Adaamaatti uffanni aadaa ayyaanaaf gatii madaalawwaan gabaaf dhihaataniiru - ENA Afaan Oromoo
Magaalaa Adaamaatti uffanni aadaa ayyaanaaf gatii madaalawwaan gabaaf dhihaataniiru
Amajji 8 /2017(TOI)-Magaalaa Adaamaatti ayyaa Cuuphaa tibbana kabajamu sababeeffachuun uffanni aadaa diizayinoota haaraan hojjetaman gatii madaalawwaan bal'inaan gabaaf dhihaachuu daldaltonnii fi kanneen uffata aadaa kana bitan himan.
Daldaltoonni uffata aadaa bal'inaan gabaaf dhiheessan akka himanitti; uffanni aadaa dizaayinoota adda addaan hojjetama kan sadarkaa namoota umurii adda addaa qabaniif ta'u bal'inaan qophaa'uun gabaaf dhihaateera jedhaniiru.
Ayyaanota addabaabayitti kabajaman keessaa kan uffanni aadaa bal'inaan irratti uffatamu tokko ayyaana Cuuphaa ta'uu eeranii; daldaltoota uffata aadaa gabaaf dhiheessaniif fayidaan gama dinagdeetiin qabu guddadha ta'uu himaniiru.
Kanaaf yeroo kanaan caalaa waqtii gabaa itti argatan waan ta'eef dhiheesii bal'aa gabaaf dhiheesuu eeraniiru.
Jiddugaleessan uffannii aadaa gosti garaa garaa kan gatiin isaanii birrii 1500 hanga 450 gabaaf bal'inaan dhihachuu himanii, fayyadamtoonnis bal'inaan bitaa jiraachuu himaniiru.
Kanneen ayyaana Cuuphaaf uffata aadaa bitaa turanis akka TOI himanitti uffanni aadaa kan daa'imaa fi gaheesootaa kan dizaayinoota miidhagoon fi haaraan hojjetaman bal'inaan gabaarra akka jiran himaniiru.
Haala kanaan uffanni aadaa gabaaf dhihaachuun isaa ayyanichi bifa miidhagaan akka kabajamu ni gargaraa jedhaniiru.