Godina Wallagga Lixaatti lafa waqtii gannaa misoomerra callaan kumtaalli miliyoonni 14 ol walitti qabame - ENA Afaan Oromoo
Godina Wallagga Lixaatti lafa waqtii gannaa misoomerra callaan kumtaalli miliyoonni 14 ol walitti qabame
Amajji 8 / 2017 (TOI) - Godina Wallagga Lixaatti lafa waqtii gannaa bara 2016/17 misoomerra callaan kumtaalli miliyoonni 14 ol walitti qabamuu Waajirri Qonnaa godinichaa beeksise.
Itti gaafatamaan waajjrichaa obbo Fayisaa Hambisaa akka himanitti, callaan kun kan walitti qabame oomisha lafa heektaara kuma 487 fi 752 irratti misoomerraayyi.
Wayita oomishinni walitti qabamu qisaasamni akka hin uumamne ogeeyyiin qonnaa itti dhiheenyaan qonnaan bultoota hodofaa fi deeggaraa waan turaniif callaa fooyyee qabu walitti qabuun akka danda'ame eeraniiru.
Keessattu oomishaa fi oomishitummaa dabaluuf tattaaffii taasifameen waqtii gannaa oomisha misoome keessaa harki caalan kilaasteraan kan misoome ta'uu beeksisaniiru.
Akkasuma galteewwan qonnaa fi sanyiin filatama dhihaate kan bara achi aanuurra fooyyee qabachuun callaan fooyyee qabu akka argamu taasisuu himaniiru.
Godinicha keessa haalli rakkoo ngeenyaa ture fooyya'uu isaan qonnaan bultoonni misooma irratti humna guutuun akka hirmaatan haala mijataa uumuus himaniiru.