Aadde Adaanech Abeebee gamoo bulchiinsa Kutaa magaalaa Lidataa eebbisuun tajaajila jalqabsiisan - ENA Afaan Oromoo
Aadde Adaanech Abeebee gamoo bulchiinsa Kutaa magaalaa Lidataa eebbisuun tajaajila jalqabsiisan
Aadde Adaanech Abeebee gamoo bulchiinsa Kutaa magaalaa Lidataa eebbisuun tajaajila jalqabsiisan.
Amajji 8/2017(TOI)-Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee magaalaa Finfinneetti gamoo bulchiinsa Kutaa magaalaa Lidataa abbaa darbii 13 ijaarame eebbisuun tajaajila jalqabsiisan.
Aadde Adaanech Abeebee ergaa karaa miidiyaa hawaasummaa isaani qoodaniin ''har'a ijaarsa gamoo bulchiinsa kutaa magaalaa Lidataa xumuruun tajaajilaaf banaa taasisneerra'' jedhaniiru.
Gamoon kun tajaajiloota bakka adda addaatti faca'anii kennamaa turan gara jiddugaleessa tokkootti fiduun tajaajilli kennamu si'ataa akka ta'u kan taasisu, qaama miidhamtootaaf mijataa, dhamaatii tajaajilaa fi tajaajilamaa kan hiri'isu, galma 'ismaarti siitii' uumuuf hojjechaa jirruu milkeesuuf bu'uuralee tekinolojii guuttatee kan ijaaramedha jedhaniiru.
Gamoon kun biiroowwan 120 dabaltee gamoota walga'ii tokkoon tokkoon isaanii namoota kuma 1 fi 500 fi 500 keesumeesuu kan danda'an kan qabu, bakka dhaabbii konkolaataa gahaa kan qabu, jiminaazeemii, bakka oolmaa fi tapha daa'immanii fi tajaajiloonni biroon kan guutameedha jedhaniiru.
Dhuma irratti gamoo kana bu'uura waadaa uummata keenyaaf galleen qulqullinaan ijaarree xumuruun kanaan dura kiraa biiroof abeenya oolchaa turre hambisuun misoomaaf akka oolchinu nu gargaara jedhaniiru.