Naannawa Kirkirri lafaa itti mudatetti hojiin qindaa'aa hundagaleessa ta'e hojjetama jira - ENA Afaan Oromoo
Naannawa Kirkirri lafaa itti mudatetti hojiin qindaa'aa hundagaleessa ta'e hojjetama jira
Amajji 8/2017(TOI) - Naannawa Kirkirri lafaa itti mudatetti hojiin qindaa'aa hundagaleessa ta'e hojjetama jiraachuu Itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamsgeen Xurunee beeksisan.
Obbo Tamsgeen Xurunee ergaa karaa miidiyaa hawaasummaa isaanii dabarsaniin hojiiwwan ofeeggannoo dursaa kirkira lafaa fi haala deebii kennuu kan murtaa'u tekinolojii qabnu, qorannoo saayinsawaa, xinxalaa fi raagaa qabnuun jedhaniiru.
Daawwannaa har'a Yuunivarsiitii Finfinnee Instiititiyuutii Ji'oofiziksii, Astironomii fi saayinsii hawwaa taasisneen kirkira lafaa ilaalchisuun qorannoo saayinsawwaa irratti hojii jajjabeessa agarreerra jedhaniiru.
Torban darbe Walgahii ariifachiisaa Manni Maree Hoggansa Soda Balaa geggeessuun kirkira lafaa mudate ilaalchisuun kallattii kaa’ameen hojiitti galamuu himaniiru.
Naannawwaa balaan Kirkira lafaa itti mudatetti gareewwan raagaa, xiinxala saayinsaawaa, deeggarsa namoomaa, buufata yeroo bu’uuraalee misoomaa gurmeessuun hojiin karoorarratti hundaa’e gaggeeffamaa akka jiru kaasaniiru.
Mootummaan qophaa’ummaa biyyaalessaa yeroo gabaabaa fi dheeraa cimsuuf, dhaabbilee qorannoo fi qo’annoo, teeknooloojii ammayyaa’aa fi humna namaa ga’umsa qabuuniin guutame akka uumaman deeggarsi kan taasifamu ta’uu gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.