Mootummaan boba’aa kan deeggaru lammiilee galii gadi aanaa qaban irraa dhiibbaa salphisuuf malee namoota dhuunfaa muraasa fayyadamoo gochuuf miti. - ENA Afaan Oromoo
Mootummaan boba’aa kan deeggaru lammiilee galii gadi aanaa qaban irraa dhiibbaa salphisuuf malee namoota dhuunfaa muraasa fayyadamoo gochuuf miti.
Amajji 9/2017 (TOI) - Mootummaan boba’aa kan deeggaru lammiilee galii gadi aanaa qaban irraa dhiibbaa salphisuuf malee namoota dhuunfaa muraasa fayyadamoo gochuuf miti jedhan
Ministirri Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa Doktar Laggasaa Tulluu.
Doktar Laggasaa Tulluun haala waqtaawwa biyyaalessaa ilaalchisuun ibsa kennaniiru.
Ibsa isaaniin Itiyoophiyaan marsaa fooyya'insa dinagdee gooroo hundagaleessa ta’e keessa akka galte eeranii; kunis dinagdee tasgabbaa’aa uumuu, haala daldalaa fi invastimantii fooyyessuu, oomishtummaa seektaroota fooyyessuu, dandeettii raawwachiisummaa mootummaa cimsuuf kan kaayyeffate ta’uu ibsaniiru.
Kunis hirmaannaa damee dhuunfaa tilmaama keessa galchee dameelee hedduu bu'uura kan godhate xiyyeeffannoo madaalawaa kan kennudha jedhaniiru.
Fooyya'insa imaammata dinagdee gooroo taasifame sharafni biyya alaa gabaan akka murtaa'un oomishtoonni oomisha isaanii irraa bu’aa gahaa akka argatan kan gargaaru yoo ta’u, kontirobaandii fi seeraan alummas akka ittisus ibsaniiru.
Kanaaf, fooyya'insi taasifme kun sirna seeraan alaa gara seeraa qabeessaatti fiduudhaan gabaa addaan fagaatee ture akka walitti dhihaatu taasiseera jedhaniiru.
Haalli sharafa alaa gabaan murtaa’uun isaa dhiyeessiin warqee baankii giddu galeessaaf dhihaatu haalaan akka dabalu taasisuu ibsaniiru.
Akkasumas, hangi sharafa alaa buna, zayita, midhaan, oomishaalee industirii fi tajaajilaa irraa argamu dabaluu isaa ibsaniiru.
Daballiin gatii mudachuu malu hawaasa irratti dhiibbaa akka hin uumneef mootummaan tarkaanfiiwwan adda addaa fudhachuu isaa ibsaniiru.
Fooyya'insi kun gufuu tokko malee akka hojiirra ooluf mootummaan to’annoo cimaa taasisaa jiraachuus ibsaniiru.
Fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuu fi lammiileen galii gadi aanaa qaban akka hin miidhamneef deeggarsa Birrii biiliyoona 400 ol taasifamuu ibsaniiru.
Fayyadamtoonni deeggarsa kanaa faayidaa barbaadamu argachaa akka jiran mirkaneessuun barbaachisaa ta’uus hubachiisaniiru.
Deeggarsa boba’aa irratti taasifamu ilaachisee rakkoon adda addaa mul’achaa akka jiru eeranii; Konkolaattooni bottee kan boba’aa fe'an hedduun bosona keessa dhokatanii argamuu himanii; to'annoon taasifamu cimee kan itti fufu ta'uu himaniiru.
Deeggarsi mootummaan xaa’oo irratti taasisuu oomishtummaa guddisuu fi oomishni gatii madaalawaadhaan akka argamu taasisuuf kan kaayyeffate ta’uus ibsaniiru.