Mootummaan nageenya fi waliigaltee waaraa uumuuf hojiiwwan adda addaa hojjechaa tureera

Amajjii 9/2017(TOI) - Mootummaan nageenya fi waliigaltee waaraa uumuuf hojiiwwan adda addaa hojjechaa turuu Ministirri Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa Doktar Laggasaa Tulluu beeksisan.

Tajaajilli Komunikeeshinii mootummaa dhimmoota adda addaa ilaalchisuun ibsa kan kenne yoo ta'u; ibsicha kan kennaan doktar Laggasaa Tulluu mootummaan nageenyaa fi waliigaltee waaraa uumuuf hojiiwwan garaa garaa hojjecha turuu ibsaniiru.

Mootummaan hojiiwwan fayyadamummaa waloo mirkaneessan hedduus hojjechuu ibsa isaaniin eeraniiru.

Humnoonni sababa adda addaan qawwee kaasuun bosona galan gara daandii nagaatti akka deebi'an mootummaan yeroo garagaaratti waamicha taasisaa jira jedhaniiru.

Kana hordofuun naannoo Gambeellaa fi Beenishaangul Gumuzitti humnoonni hidhatan kunneen waliigaltee nageenyaa raawwachuun gara jireenya idilee isaanitti deebi'uu ibsaniiru.

Naannolee kanatti yeroo ammaa nagaa fi tasgabbiin fooyyee qabu uumamuu hordofee hojii misoomaas haala mijataa uumeera jedhaniiru.

Waraana kabaa Itiyoophiyaa ture ilaalchisuun ABUT waliin waliigaltee Piritooriyaatti mallatteeffame mootummaan karaa sirriin hojiirra oolcha jiraachuu ibsaniiru.

Mootummaan qaamolee fedhii adda addaa qaban waliin mari'atee rakkoolee furuu fi hidhatoonni duraanii gara nagaatti akka dhufan hojjecha jiras jedhaniiru.

Kanaanis naannoo Oromiyaatti hidhatoonni hedduu fi hoggantoonni isaanii waliigaltee nageenyaa mootummaa naannichaa waliin mallateesuun gara jiddugalaawwan haaromsaa galaa jiraachuu ibsaniiru.

Hojii kana keessattis gaheen abbootii Gadaa fi Hadholii Siinqee olaanaa ta'uu beeksisaniiru.

Naannoo Amaaraattis hidhattoonni hedduun gara daandii nagaatti deebi'uu fi jiddugala haaromsaa galuun leenjii fudhachaa jirachuun gara hawaasaatti dabalamaa jirachuu himaniiru.

Kana keessattis abbootiin amantii fi jaarsoliin biyyaa gaheen isaan bahatan olaanaa ta'uu Doktar Laggaasaa Tulluu ibsaniiru.

Naannoo Oromiyaa fi Amaaraatti haalli nageenyaa amma jiru baay'ee fooyya'uu hordofee haalli daldalaa fi hojiin misoomaa irratti jijjiramni olaanaan argameera jedhaniiru.

Naannoo Somaalee fi Affaan daangaa irratti walitti bu'insoota mudachaa turan mariin furuun nageenyi bu'eera. Humnoonni hidhatan misoomaa fi nageenya biyya keessatti gahee olaanaa waan qabaniif gara nagaatti deebi'uun ijaarsa biyyaa keessaatti gahee isaanirra eeggamu akka bahatan mootummaan ammaas waamicha ni taasisa jedhaniiru.

#Oromiyaa #Itoophiyaa #Nageenya

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015