Oromiyaatti Xaa'oo uumamaa bal'inaan qopheesuun jallisii bonaaf fayidaarra oolfamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Oromiyaatti Xaa'oo uumamaa bal'inaan qopheesuun jallisii bonaaf fayidaarra oolfamaa jira
Amajjii 9/2017(TOI) - Naannoo Oromiyaatti bara bajataa kana Xaa'oo uumamaa bal'inaan qopheesuun misooma jallisiif fayidaarra oolfamaa jiraachuu Biiroon Qonnaa naannichaa beeksise.
Biirichaatti Itti aanaa Hogganaa fi hogganaan damee qabeenya uumamaa obbo Eeliyaas Kadir TOI'tti akka himanitti; gabbina biyyoo eeguu dabaluuf gaheen Xaa'oon uumamaa qabu olaanaadha.
Naannichatti erga waggaa sadii as xaa'oo uumamaa qopheesuun bal'inaan hojjetama akka jiru eeranii; haala qophii fi itti fayyadama isaarratti qonnaan bultootaaf hojiin hubannoo kennuu hojjetamu himaniiru.
Haaluma kanaan bara bajata kana Xaa'oo uumamaa meetirik kiyuubii miliyoona 250 qopheesuuf kan karoorfame yoo ta'u; hanga ammaattis xaa'oon uumamaa idilee fi Varmii Kompoositiin meetirik kiyuubiin miliyoonni 163 qophaa'uun hojiirra oolaa jira jedhaniiru.
Naannichatti waggoota darban jiddugalaawwan xaa'oon uumamaa itti qophaa'an 287 ijaaramuu himanii; hojii hanga ammaatti hojjetameen xaa'oon uumamaa misooma qonnaa keessaatti oomishaa fi oomishitummaa dabaluu keessatti gahee gaarii bahateera jedhaniiru.
Biirichatti daarektarri gabbina biyyee obbo Isheetuu Laggaasaa gama isaaniin naannichaatti ji'a Hagayyaa irraa eegalee xaa'oo uumamaa bal'inaan qopheesuun hojetama jira jedhaniiru.
Keessattu kompoositii idileen dabalatatti tekinolojiin deeggaramuun qophiin Vaarmi Kompoostii fi haftee oomisha baayoo gaaziirraa xaa'oo uumamaa qopheesuun hojjetama jira jedhaniiru.
Xaa'oon uumamaa qophaa'ee kun misooma jallisii waqtii bonaa kanaaf fayidaarra oolaa jirachuu himanii; naannichatti xaa'oon uumamaa oomishaa fi oomishitummaa guddisuu keessaatti gahee olaanaa bahachaa jira jedhaniiru.