Mootummaan Ayyaana Cuuphaa fi yaa'iiwwan gurguddoo magaalichatti geggeeffamaniif qophii barbaachisaa taasiseera

Amajjii 9/2017 (TOI) - Mootummaan ayyaanni Cuuphaa karaa nagaa fi kabaja olaanaa qabuun akka bajamuu fi yaa'iwwan gurguddoo fuula dura magaalaa Finfinneetti geggeeffamaniif qophii barbaachisaa taasisuu Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Doktar Laggasaa Tulluu beeksisan.

Itiyoophiyaan ji’oota darban ayyaanoota uummataa fi amantaa gurguddoo akkasumas yaa'iiwwan gurguddoo keesumeesuu ishee yaadachiisaniiru.

Doktar Laggasaa Tulluun; Itoophiyaan biyya ayyaanota ummataa hedduu kabajju ta’uu ibsuun, Hagayya irraa eegalee ayyaanonni kunneen ji'a Hagayyaa irraa eegaluun bifa oo'aa ta'een kabajamuu hibsaniiru.

Ayyaanonnii fi taateewwan gurguddoon ardiilee fi idil-addunyaa haala ho'aa fi midhagaa ta'een karaa nagaa kabajamuun isaanii bu’a qabeessummaa tattaaffii nagaa eegsisuu mootummaa kan agarsiisuu fi damee turizimiitti si'oomina kan uumudha jedhaniiru.

Torbee kana Sanbataa fi Dilbata dhufu ayyaanni Kataaraa fi Cuuphaa Itoophiyaatti bal'inaan kan kabajamu ta'uu ibsaniiru.

 Ayyaanni Cuuphaa ayyaana ummataa uumataa addabaabayitti kabajaman kan naannoo undaatti bal'inaan bajamudha jedhaniiru.

Kanaas ijaara obbolummaa fi seenessa waloof itti fayyadamuu kan qabnudha jedhaniiru.

Ji'a Guraandhalaa keessa Walgahiin Hoggantoota Gamtaa Afrikaa fi konfireesiwaan idil-addunyaa adda addaa magaalaa Finfinneetti kan geggeeffama ta'uu himaniiru.

Ayyaanotaa fi taateewwan kunneen ijaarsa fuula gaarii magaalaaf dhimma itti bahamuu akka qabamu eeranii; misooma koridoorii, bu’uuraalee misoomaa turizimii fi tajaajila magaalattii madaalu diriirsuun xiyyeeffannoon hojjetama jirachuu himaniiru.

Fedhii keessummoota gara magaalaa gudditti biyyattii fi Afrikaa Finfinnee dhufan guutuuf qophii gahaa taasisuuf tattaaffiin taasifamaa jiras jedhan.

Ayyaanonnii fi taateewwan kunneen karaa nagaa akka raawwataman qaamoleen nageenyaa hojimaata teeknooloojiin deeggaramuun hojjecha jirachuu himaniiru.

Kanaafis mootummaan qophii barbaachisu hunda taasisuu himaniiru.

#Oromiyaa #Itoophiyaa #ayyaana_cuuphaa

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015