Itiyoophiyaan walitti dhufeenya Iraan waliin qabdu caalaatti cimsuuf fedhii qabdi.

Amajji 9/2017(TOI) - Itiyoophiyaan walitti dhufeenya dippilomaasii Iraan waliin qabdu caalaatti cimsuuf fedhii akka qabdu Af-yaa'iin Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa Taggaasee Caafoo beeksisan.

Obbo Taaggasee Caafoon Jila misiseensoota Paarlamaa irra kan Af-yaa'ii paarlaamichaa Doktar Mahaammad Gaaliibaafiin durfamu waliin walitti dhufeenya biyyoota lamaanii fi dhimkoota Dippilomaasii Paarlaamentaawwii irratti mari'ataniiru.

Marii kanarratti Itiyoophiyaa fi Iraan walitti dhufeenya yeroo dheeraa biyyoota qaban ta'uu eeruun kanaafis Itoophiyaan bara 1960 Iraanitti Qonsilaa ishee banachuu himaniiru.


Obbo Taggaasee Caafoon Itoophiyaan biyya dingdee guddachaa jirtuu fi baay'ina uummataa hedduu kan qabdu ta'uu himanii; biyyoonni lamaan walitti dhufeenya gam,a dinagdee, hawasummaa fi siyaasaan qaban cimsuu qabu jedhaniiru.

Af-yaa'iin Paarlamaa Iraan doktar Mahaammad Gaalibaaf gama isaaniin biyyoonni lamaan biyyoota seenaa fi aadaa waggoota hedduuf ture qabanidha jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015