Gondoritti milkaa'inoonni argaman itti fufinsa akka qabaatan nagaan waarefamuu qaba - ENA Afaan Oromoo
Gondoritti milkaa'inoonni argaman itti fufinsa akka qabaatan nagaan waarefamuu qaba
Amajji 11/2017(TOI) - Gondoritti milkaa'inoonni argaman itti fufinsa akka qabaatan nagaan waarefamuu qaba jedhan Pirezidaantin FDRI Taayyee Atsiqasillasee.
Sirna kabaja ayyaana Cuuphaa magaalaa Gondoritti kabajama jiru irratti hoggantoonni hojii mootummaa olaanoo, Abbootii amantii, daawwatoota biyya alaa fi hodoftoonni amantii kiristaana hedduun argamaniiru.
Sirna kabaja ayyaana kanarratti kan argaman pirezidaanit Taayyee Atsiqasillaasee barri kin bara magaalaan Gondor hanga guddachuu qabdudha jedhaniiru.
Magaalaan kun haala barbaadamuun misoomtee akka guddina ariifachiisa barbaadamu akka mirkaneesituuf nageenya waaresuun barbaachisaadha jedhaniiru.
Nagaa eeguu fi waaresuun immoo dirqama lammilee hundaa akka ta'e pirezidaanit Taayyee Atsiqasillaaseen hubachiisaniiru.
Hojiiwwan misoomaa magaalaa Gondoritti jalqabaman fiixaan baasuu qofaa osoo hin taane eegumsa gahaa taasisuun dhalootatti dabarfamuu qabu jedhaniiru.