Ambaasaaddar Reediwaan Huseen dhaamsa Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahmadirraa ergame Pirezidaantota biyyoota Keeniyaa fi Yugaandaan ga’an. - ENA Afaan Oromoo
Ambaasaaddar Reediwaan Huseen dhaamsa Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahmadirraa ergame Pirezidaantota biyyoota Keeniyaa fi Yugaandaan ga’an.
Amajjii 11/2017(TOI) - Daarektarri Olaanaa Tajaajila Nageenya Odeeffannoo Biyyaaleessaa Ambaassadar Reedwaan Huseen ergaa Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimad irraa ergame Pirezidaantii Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo fi Pirezidaantii Yugaandaa Yuuweerii Museeveniin gahan.
Itiyoophiyaan ollummaa fi michummaa biyyoota lachuus ta’e qaxanaa Afriikaa bahaa jabeessuuf kutannoo qabaachuu fi ulaa galaanaa argachuufis gaaffiin dhiyeessite fudhatama qabaachuusaaf hubannoo dureewwan Keeniyaafi Yugaandaa qaban, Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad dinqisiifachuusaanii ambaasaaddar Reedwaan lamaansaaiif ibsaniiru.
Dureewwan biyyoota lamaaniis hojii Itiyoophiyaan gaaddisa Gamtaa Afriikaafi Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii jalatti hojjettu dabalatee tattaaffii hoggansa Ministira Muumee Doktar Abiyyi Ahmediin nageenya Somaaliyaa fi biyyoota biroo eegsisuuf gumaachaa jirtu jajaniiru.
Tajaajila Nageenya Odeeffannoo Biyyaaleessaarraa odeeffanne.