Dhiibbaa Jijjirama Qabeenya Qilleensaa hiri'isuuf raaga haala qilleensaa qaqaabamaa taasisuurratti xiyyeeffannoon hojjetama jira

Amajjii 12/2017(TOI) - Dhiibbaa Jijjirama Qabeenya Qilleensaa hiri'isuuf haala raaga haala qilleensaa ammayyeesuu fi odeeffannoo qaqaabamaa taasisuurratti xiyyeeffannoon hojjetama jiraachuu Daarektarri olaanaa Instiititiyutii Meetirolojii Itoophiyaa Faxxanee Tashoomee beeksisan.

Foramiin raaga haala qilleensaa Ganfa Afrikaa 69ffaan magaalaa Finfinneetti geggeeffama jira.

Foramii kana mata duree ''Tajaajila qabeenya qilleensaa irratti qaawwa akeekachiisa duraa irratti jiru duuchuu'' jedhuun Raagni haala qilleensa IGAD fi deeggartoonni isaa waliin ta'uun kan qopheesanidha.

Daarektar olaanaa Institiyuutii Meetirolojii Itiyoophiyaa obbo Faxxanee Tashoomaa sirna banisa foramicharratti jijjiramni qabeenya qilleensaa qormaata addunyaa ta'us naannawwichatti dhiibbaan inni geesisaa jiru garuu hunda caalaa cimaadha jedhaniiru.

Jijjirama qabeenya qilleensa yeroo yeroon mudatu dursanii baruun odeeffannoo qaqqabamaa taasisuun dhiibbaa cimaa inni geesisuu danda'u hiri'isuun ni danda'ama jedhaniiru.

Itiyoophiyaan dhiibbaa Jijjirama qabeenya Qilleensaa irraa damdamachuuf tajaajila raaga qilleensaa ammayyeesuu irratti xiyyeeffannoon hojjecha jiraachuu ibsaniiru.

Abbaa Taayitaa Misooma Mootummoota Afrika Bahaa (IGAD)tti Daarektarri Giddugala raaga Qilleensaa fi Hojiirra Oolmaa (ICPAC) Dooktar Abdii Fidaa gama isaaniin; jijjiirama qilleensaaf deebii qindaa'afi qorannoo irratti hundaa'etu barbaachisa jedhaniiru.

Afrikaan Bahaa yeroo baayyee jijjiirama qilleensaatiin waan miidhamtuuf dursanii raaga kana beeksisuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015