Kaampaaniiwwan karaa seeraan alaa Boba'aa imalchiisanirratti birrii miliyoona 116 akka adabaman taasifameera - ENA Afaan Oromoo
Kaampaaniiwwan karaa seeraan alaa Boba'aa imalchiisanirratti birrii miliyoona 116 akka adabaman taasifameera
Amajjii 12/2017(TOI) -Ji'oota jahaan darban kaampaaniiwwan Boba'aaa liitira kuma 325 karaa seeraan alaa imaalchiisan birrii miliyoona 116 akka adabaman taasifamuu Ministirri Daldalaa fi Walitti Hidhamsa Naannawaa Doktar Kaasaahuun Goofee beeksisan.
Ministirichi ergaa karaa miidiyaa hawaasummaa isaanii qoodaniin mata duree ''Qulqullinaan gara sirna daldalaa ariitii qabuutti'' jedhuun raawwiin hojii ministeerichaa fi dhaabbilee itti waamamtoota isaa geggeeffama jira jedhaniiru.
Ji'oota jahan darban damicharraa galiin doolaarri biliyoonni 3 tuqaa 28 argamuus ibsaniiru.
Wiirtuun Qe’ee Qulqullinaas Itiyoophiyaa kan madaaluu fi sadarkaa dinqisiisan ta’een xumuramuunsaa milkaa’ina olaanaa biyyaaf argamiiseera jedhaniiru.
Karaa onlaayinii daldala galmeessuu fi eeyyama kennuudhaanis rifoormii bu'a qabaeessa ta’e milkeessuu eeranii; gama kanaan adeemsa badaa sirreesuu keessaatti hojjetoota dhaabbatichaa seeraan alummaa keessatti hirmaatan irratti tarkaanfiin seeraa fi bulciinsa fudhatamuu ibsaniiru.
Bara bajata kana ji'oota jaha keessaatti taajilli daldalaa fi eeyyama gamee miliyoonni 2 tuqaa 50 kennamuu ibsanii; kan bara darbeen yoo madaalamu caalmaa guddaa qaba jedhaniiru.
Bittaa fi gurgurtaa boba'a sirna qabsiisuuf hojii hojjetameen kaampaaniiwwan Boba'aaa liitira kuma 325 karaa seeraan alaa imaalchisan birrii miliyoona 116 akka adabaman taasifamuu eeraniiru.