'Pirojektoonni misoomaa maqaa gaarii Itiyoophiyaa olkaasan hojjetamaa jiramuu hubanneerra' - ENA Afaan Oromoo
'Pirojektoonni misoomaa maqaa gaarii Itiyoophiyaa olkaasan hojjetamaa jiramuu hubanneerra'
Amajjii 12/2017(TOI) - Pirojektoonni misoomaa maqaa gaarii Itiyoophiyaa olkaasuun badhaadhina ishee mirkaneessan hojjetamaa jiraachuu miseensonni hawaasa Diyaaspooraa himan.
Mootummaan damee qonnaa, turizimii, dinagdee dijitaalaa, industirii fi albuudaaf xiyyeeffannoo kennuun hojjechaa jiraachuus himan.
Daiyaaspooronni kunneen wayita ammaa kana dameewwan invastimantii adda addaa irratti hojjechuuf qophaa’uu himanii; mootummaanis deeggarsa isaan barbaachisu taasisaafii jiraachuu eeran.