Oromiyaatti duulli misooma sululaa eegale - ENA Afaan Oromoo
Oromiyaatti duulli misooma sululaa eegale

Amajjii 15/2017 (TOI) - Naannoo Oromiyaatti duulli misooma sululaa guyyoota 60’f turu godinaalee Oromiyaa garaagaraatti eegaleera.
Hojiin kun Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Malkaa Noonnootti kan eegalame yoo ta’u, qaamoleen hawaasa garaa garaa irratti hirmaataa jiru.
Haaluma walfakatuun Godina Wallagga Bahaa Aanaa Guutoo Giddaa fi aanaalee godinichaa birootti eegalamuun himameera..