Naannoo Harariitti hojiin misooma Sululaa kan bara kanaa har'a ifatti jalqabame - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Harariitti hojiin misooma Sululaa kan bara kanaa har'a ifatti jalqabame

Amajjii 17/2017 (TOI) - Naannoo Harariitti hojiin misooma Sululaa kan bara kana mata duree '' biyyoo keenya badhaadhina keenyaaf'' jedhuun har'a ifatti hojjetamuu eegaleera.
Sirna jalqabiisa misooma sululaa kan bara kanaa kana irratti miseensonni hoggansa naannichaa sadarkaa hundatti argaman, qonnaan bultoonni fi kutaaleen hawaasaa biroon argamaniiru.
Biiroo Misooma Qonnaa Naannichaatti Daarektarri Misooma Qabeenya Uumamaa, Kunuunsaa fi Itti Fayyadama isaa obbo Araarsoo Adem; naannichatti hojiin misooma sululaa har'a eegale kun ji'a tokkoof kan turu yoo ta'u sululoota 16 keessaatti lafa heektaara 900 iirratti hojiin eegumsa biyyee fi bishaaniif tajaajilan akka hojjetaman himaniiru.