Hojiin misooma sululaa qindaa'aan naannoo Sidaamaatti eegalame - ENA Afaan Oromoo
Hojiin misooma sululaa qindaa'aan naannoo Sidaamaatti eegalame

Amajjii 19/2017(TOI)- Hojiin misooma sululaa qindaa'aan naannoo Sidaamaatti ifatti eegalameera.
Hojiin misooma Sululaa kun hooggantoonni olaanoon naannichaa bakka argamanitti qarqara godina kaaba Sidaamaa ganda Aldadaa tti sirni jalqabsiisaa raawwateera.
Hojiin misooma Sululaa mata duree "qabeenyi biyyoo keenyaa badhaadhina keenyaaf" jedhuun baatii tokkoof ittifufa.
Sululoota naannichaa 678 irratti lafa heektaara kuma 136 fi 400 irratti hojiin eegumsa biyyoo fi bishaanii ni'adeemsifama jedhameera.
Hojiilee misooma Sululaa kanaan ummanni miiliyoona 1 fi tuqaa 4 ol nihirmaata jedhamee akka eegamu ibsameera.