Daarektarri olaantuu IMF Kiriistaaliinaa Joorjiiyeevaa jiddu galeessa haaromsaa fi gabbisa dandeettii ‘Lenegeewaa seetooch’(dubartoota egereef) dawwatan. - ENA Afaan Oromoo
Daarektarri olaantuu IMF Kiriistaaliinaa Joorjiiyeevaa jiddu galeessa haaromsaa fi gabbisa dandeettii ‘Lenegeewaa seetooch’(dubartoota egereef) dawwatan.

Guraandhala 1/2017(TOI)- Daarektarri olaantuu dhaabbata maallaqaa idil addunyaa ‘IMF’ Kiriistaaliinaa Joorjiiyeevaa jiddu galeessa haaromsaa fi gabbisa dandeettii ‘Lenegeewaa seetooch’(dubartoota egereef) fi mana barumsaa bultii birihaan qaroo dhabeeyyii dawwataniiru.
Daarektarri olaantuu Itiyoophiyaatti daawwannaa hojii taasisaa jira kun, Kanaan dura ministira maallaqaa Ahimad Shidee fi hooggantoota mootummaa olaanoo waliin marii taasisuun isaanii nibeekama.
Sa’aatii boodas jiddu galeessa haaromsaa fi gabbisa dandeettii ‘Lenegeewaa seetooch’
(dubartoota egereef) fi mana barumsaa bultii birihaan qaroo dhabeeyyii dawwataniiru.
Kiriistaaliinaan guyyoota lama Itiyoophiyaa keessa turaniin, guddina dinagdee Itiyoophiyaa, imaammattoota dursi kennamanii fi riifoormii dinagdeerratti ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad fi hooggantoota mootummaa olaanoo waliin akka mari’atan eegama.
Kiriistaaliinaan damee dhuunfaarra kan hojjetan waliin cdaldalaa fi carraalee dinagdee Itiyoophiyaan qabdu irratti yaada akka waljijjiiran ibsameera.
Daawwannaan daarektara olaantuu kun ‘IMF’ carraaqqii Itiyoophiyaan guddina dinagdee cimaa fi itti fufiinsa qabuuf taasiftu deeggaruuff kutannoo qabu kan agarsiisu akka ta’e himameera.
Kiristaaliinaa Joorjiiyeevaa A.L.A bara 2019 Itiyoophiyaatti daawwannaa hojii taasisuusaanii odeeffannoon ministeerichaa yaadachiiseera.