Itiyoophiyaan kunuunsa Fayyaa kan jalqabaa gabbisuun, sirni fayyaa cimaan akka jiraatu hojjechaa jirti-Dr. Maqdas Dhaabaa - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan kunuunsa Fayyaa kan jalqabaa gabbisuun, sirni fayyaa cimaan akka jiraatu hojjechaa jirti-Dr. Maqdas Dhaabaa

Guraandhala 2/2017(TOI)-Itiyoophiyaan kunuunsa Fayyaa kan jalqabaa gabbisuun, sirni fayyaa cimaan akka jiraatu kutannoon hojjechaa jirti jedhan ministirri Fayyaa Dr. Maqdas Dhaabaa.
Walgahiin Boordii hojii raawwachiisaa dhaabbata Fayyaa idil addunyaa 156ffaan Itiyoophiyaan miseensa itti taate Siwiizarlaand Jenevaatti taa’amaa jira.
Doktar Maqdas Dhaabaa waltajjicharratti Itiyoophiyaan kunuunsa Fayyaa jalqabaa gabbisuun, sirni Fayyaa cimaan akka jiraatu kutannoon hojjechaa jirti jedhaniiru.
Sirna Fayyaa bu’ura Fayyaa egereef, oomisha galtee waldhaansaa biyya kan keessaa guddisuuf, tajaajila fayyaa qulqullina qabu guutuu fi hojjetaa kunuunsa Fayyaa ga’oomaa horachuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa akka jiru dabalanii ibsaniiru.
Dhaabbanni fayyaa addunyaa fi qaamoleen deeggartootaa biroon galma tajaajila fayyaa qulqullina qabu, haqa qabeessa hawaasaan gahuuf galma qabame milkeessuuf deeggarsa garagaraa akka itti fufan gaafachuusaanii odeeffannoon ministeericharraa argame nimul’isa.
Waltajjichi hirmaannaa fi fudhatama Itiyoophiyaan biyyoota biroo waliin qabdu cimsuun gama dippilomaasii fayyaatiin shoora olaanaa bahachuuf kan dandeessisu yoo ta’u ajandaawwan Fayyaa wayitaawaa idil addunyaa irratti yaa’ii idil addunyaaf yaada murtoo akka dhiheessu ni’eegama.