Naannoo Oromiyaatti waggoottan lamaan darban manneen dawaa ummataa 515 banamanii tajaajila kennaa jiru-Biiroo Fayyaa Naannichaa - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Oromiyaatti waggoottan lamaan darban manneen dawaa ummataa 515 banamanii tajaajila kennaa jiru-Biiroo Fayyaa Naannichaa

Guraandhala 3/2017(TOI)- Naannoo Oromiyaatti waggoottan lamaan darban manneen dawaa ummataa 515 banamanii tajaajila kennaa akkaa jiran Biiroon Fayyaa Naannichaa beeksise.
Naannichatti hanqinni dawaa akka hin uumamnee fi gaaffiin tajaajila fayyaa lammiilee deebii akka argatu dhiheessii dawaa bal’isuun hojjetamaa akka jiru ibsameera.
Tajaajila fayyaa fi dhiheessii dawaa naannichaa ilaalchisuun TOI ‘n itti aanaan hoogganaa biiroo fayyaa naannichaa Dr. Bokonaa Guutaa haasofsiiseera.
Dr. Bokonaan ibsa kennaniin, dhiheessii fi qaqqabiinsa dawaa bal’isuun hojiileen milkaa’oon hojjetamuusaanii eeraniiru.
Gama Kanaan xiyyeeffannoo addaatiin sagantaan bahee manneen dawaa baay’inaan ijaaramanii tajaajila akka kennan taasifamuu kaasaniiru.
Waggoota lamaan darban manneen dawaa hawaasummaa 515 banamanii tajaajila kennaa akka jiran Dr. Bokonaan dubbataniiru.
Manneen dawaa ummataa mootummaan ijaaramanii mootummaan dawaaf deeggarsa taasisuun hawaasni gatii mootummaan baaseen haqa qabeessaan fayyadamaa ta’uu eeraniiru.
Deeggarsa taasifameen hawaasni dawaa manneen dawaatti hin argamne argachuu isaatti ummanni itti quufuusaa eeranii, kanaanis bu’aan guddaan argamuu himaniiru.
Hanqina dawaa maddarraa dhabamsiisuuf dawaalee alaa galfamanis ta’e kan jira teeknooloojii fayyadamuun raabsuun, hanna hambisuu fi qabannaa fi itti fayyadama dawaa irratti hordoffiin taasifamaa jira jedhaniiru.