Watajjiin Akkaadaamii Ispoortii Itiyoophiyaa irratti mari’atu taa’amaa jira

Guraandhala 03/2017 (TOI)- Watajjiin Qooda Fudhattootaa Akkaadaamii Ispoortii Itiyoophiyaa irratti mari’atu magaalaa Arbaa Miincitti taa’amaa jira.

Ministira Aadaa fi Ispoortii Shawiit Shaankaa dabalatee hooggantoonni mootummaa federaalaa fi naannoo, miseensonni koree dhaabbataa mana maree bakka bu’oota ummataa fi qaamoleen qooda fudhattootaa hawaasa Ispoortii waltajjii guyyoota lamaaf turu kanarratti argamaniiru.

Hojii raawwachiisaan hariiroo ummataa fi komunikeeshinii Akkaadaamichaa obbo Alaamirroo Maammoo yaada TOI’f kennaniin, waltajjiin kun imala akkaadaamichaa waggaa 10nii qorachuun kallattii gara fuula duraa kaa’uuf kan qophaa’edha jedhaniiru

.Haala Kanaan sanadoonni sadii mata dureewwan bu’a qabeessummaa ergama waggaa 10nii dhaabbatichaa, bu’a qabeessummaa fi faayidaa leenjifamtootaa fi beekumsi bu’uraa Ispoortii Itiyoophiyaa leenjiftootaaf jedhan dhihaatanii nimari’atama jedhaniiru.

Akkaadaamichi Ispoort
essitoota dargaggoota dorgommiiwwan biyyaalessaa fi idil addunyaaf qaamaa fi sammuun cima akkasumas naamusaan guutaman horachuuf akeekatee hojjechaa akka jiru ibsaniiru.

Dabalataanis dameelee Ispoortii garagaraan ogeeyyotaaf leenjii gabbisa dandeettii kennuun fi qu’annoo fi qorannoo taasisaa akka jiru eeranii waltajjichu bu’aarratti xiyyeeffatee nimari’ata jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015