Riifoormiin damee barnootaa Finfinneetti taasifame bu’aa agarsiisaa jira-Biiroo barnootaa Finfinnee - ENA Afaan Oromoo
Riifoormiin damee barnootaa Finfinneetti taasifame bu’aa agarsiisaa jira-Biiroo barnootaa Finfinnee

Guraandhala 3/2017(TOI)- Riifoormiin damee barnootaa Finfinneetti taasifame qulqullina barnootaa eegsisuurraa eegalee bu’aa agarsiisaa akka jiru Biiroo barnootaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee beeksise.
Itti aanaa biirichaa obbo Diinaa’ol Caalaa Turtii TOI waliin taasisaniin akka ibsanitti, bulchiinsa magaalattiitti hojiiwwan riifoormii qaqqabiinsaa fi qulqullina barnootaa mirkaneessuu dandeessisan hojiirra oolaa jiru.
Manneen barnootaa mijataa taasisuu, reeshiyoo barataa fi barsiisaa guddisuu, barattoonni barumsarraa akka hinhafne gochuu irratti hojjetamuu kaasaniiru.
Haala Kanaan meeshaaleen barnootaa fi yuuniifoormiin barattootaa guutamanii akka dhihaatan akkasumas barattoonni Wixataa amma Jimaataatti guyyaatti al lama soorata akka argatan taasifamuu himaniiru.
Barattoonni beekumsa erragaa fi dandeettii afaan ingilizii tutoriyaalii fi tooftaalee garagaraan akka cimsan tarsiimoon qophaa’ee milka’inaan hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.
Hojii jijjiiramaan asitti hojjetameen hojiin riifoormii barnootaa qulqullina barnootaa mirkaneessuutiin qabxiin barattootaa fooyya’uusaa beeksisaniiru.
Gama biraatiin biiroo nageenyaa fi tasgabbii waliin ta’uun wantoota barnoota jeeqan kan naannawa mana barumsaatti argaman hordofuu fi to’achuun sirni baruu fi barsiisuu karaa anagaa akka adeemsifamu ta’uu kaasaniiru.
Baatiiwwan jahan darban tarkaanfii gochoota barumsa jeeqanirratti fudhatameen baruu fi barsiisuurratti bu’aan gaariin argamuu dubbataniiru.
Akka ibsa itti aanaa biirichaatti, odeeffannoo barattootaa fi manneen barnootaa karaa dijitaalaan akka walitti hidhamanii gochuun hojiin bu’a qabeessi hojjetamuu dubbataniiru.