Yaa’iin idil addunyaa misooma jallisii fi oomishtummaa jijjiirama haala qilleensaaf hinmiidhamnee taa’amaa jira

Guraandhala 5/2017(TOI)- Yaa’iin idil addunyaa misooma jallisii fi oomishtummaa jijjiirama haala qilleensaaf hinmiidhamne kan Itiyoophiyaan yeroo jalqabaaf keessummeessitu Finfinneetti  eegalameera.

Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee, ministirri muummee Itiyoophiyaa duraanii Hayilamaariyam Dassaaleny, ministirri jallisii fi naannawa gammoojjii Dr. Abrahaam Balaay,hooggantoonni biyyoota Afriikaa duraanii, hooggantoota olaanoo dabalatee hirmaattonni yedduun yaa’ii kanarratti hirmaachaa jiru.

Yaa’iin idil addunyaa ministeera jallisii fi naannawa gammoojjiin qophaa’e kun har’a dabalatee guyyoota sadiif nitaa’ama.

Muuxannoowwa idil addunyaa gama misooma jallisii, dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaa ittisuu iaalchisee nidhihaatu jedhameera.

Itiyoophiyaan hojiiwwan eegumsa naannoo fi birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf hojjette  keessumaa misooma Qamadii Bonee fi Ashaaraa magariisaa ilaalchisuun hojjette muuxannoo akka qooddu ni’eegama.

Egzibiishiniin hojiiwwan jallisii agarsiisu yaa’ii kanarratti ifatti banameera.

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015