Waltajjiin raawwii karoora walakkaa waggaa ministeerichaa qoratu Magaalaa Hawaasaatti taa’amaa jira

Guraandhala 6/2017(TOI)- Waltajjiin raawwii karoora walakkaa waggaa ministeera Aadaa fi Ispoortii qoratu Magaalaa Hawaasaatti taa’amaa jira.

Ministirri aadaa fi Ispoortii Shawiit Shaankaa dabalatee de’eetaawwan ministiraa,hooggantoonno sektarichaa naannolee hundaa fi bulchiinsa magaalota lamaanii, Komishiranoonni, pirezidaantonni federeeshinichaa fi qaamoleen dhimmiilaalu bioon yaa’icharratti argamaniiru.

Gabaasni raawwii karoora walakkaa waggaa dhihaatee mariin kan taasifamu yoo ta’u kallattiiwwan hojii fuul duraa irratti akka mari’atamu beekameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015