Itiyoophiyaa fi Chaayinaan damee haqaan waliin hojjechuuf waliigalan

Guraandhala 7/2017(TOI)- Itiyoophiyaa fi Chaayinaan damee haqaan waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteessaniiru.

Gama Itiyoophiyaatiin ministirri haqaa adde Haannaa Ar’ayasillaasee, gama Chaayinaan ministirri haqaa rippaabiliikii ummata Chaayinaa Hiroong waliigalticha mallatteessaniiru.

Waliigaltichi biyyoonni lamaan damee haqaan leenjiiwwan gabbisa dandeettii mijeessuuf, qorannoo Fooransiikii, abbaa muri araaraa, deeggarsa seeraa bilisaa irratti muuxannoo walii qooduuf kan dandeessisu ta’uun ibsameera.

Akkasumas teeknooloojiiwwan damee kana ammayyeessuu dandeessisan walljijjiiruu, ogeeyyotaaf carraa hojii uumuu fi waajjiraalee ministeera haqaa biyyoota lamaanii jidduutti qindoominaa uumuun waliin hojjechuuf nidandeessisa jedhameera.

Sanadiin walii galtee mallatteeffame kun dhaabbilee biyyoota lamaanii jidduutti tumsa damee haqaa Kanaan dura ture kan cimsu ta’uu odeeffannoon TOI’n ministeera haqaarraa argate nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015