Yaa’iin waloo ministeera haqaa fi biirolee haqaa naannolee 7ffaan naannoo Somaalee magaalaa Jigjigaatti taa’amaa jira

Guraandhala 7/2017(TOI)- Yaa’iin waloo ministeera haqaa fi biirolee haqaa naannolee 7ffaan naannoo Somaalee magaalaa Jigjigaatti taa’amaa jira.

Yaa’iin waloo kun mata duree “qindoominni qaamolee haqaa cimaan amanamummaa ummataa mirkanaa’eef” jedhuun taa’amaa jira.

Bulchaan naannoo Somaalee obbo Musxafee Mahaammad, ministirri haqaa Haannaa Ar’ayasillaasee, de’eetaawwan ministraa fi hooggantoonni olaanoo ministeericha yaa’icharratti argamaniiru.

Akkasumas hooggantoonni biiroleen haqa fi abbaa Alangaa naannoo, komishinaroonni poolisii fi hooggantoonni biroon argamaniiru.

Gabaasni raawwii hojii wlakkaa waggaa ministeera haqaa fi biirolee haqaa naannolee bara bajataa 2017 yaa’ii guyyoota lamaaf taa’amurratti dhihaatee nimari’atama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015