Itiyoophiyaan ulaagaalee madaallii fayyaa hedduun bu’aa gaarii galmeesifteetti - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan ulaagaalee madaallii fayyaa hedduun bu’aa gaarii galmeesifteetti

Guraandhala 8/2017(TOI)- Itiyoophiyaan ulaagaalee madaallii fayyaa hedduun bu’aa gaarii galmeesisuu ishee daarektarri olaanaa Giloobaal Fandii Piiter Saandisibsan.
Ministirri Fayyaa Dr. Maqdas Dhaabaa garee jilaa daarektarichaan durfamu faayinaansii fayyaa fi dhukkuba ittisuu irratti mari’ataniiru.
Deeggarsi USID dhiheenya addaan cite biyyoota Afriikaa kan ija banachiise ta’uu kan duubbatan ministirri Fayyaa kun, Itiyoophiyaan ammas hojiilee sagantaa fayyaa damee Fayyaa adeemsifamaniif deeggarsa tumsitootaa ishee barbaachisa jedhaniiru.
Deeggarsa Giloobaal Fandiin Itiyoophiyaaf taasisaa jiruuf galateeffataniiru.
Dr. Maqdas deeggarsa Giloobaal Fandiin dhukkuboota akka HIV, Sombaa, fi busaa ittisuurratti taasise dinqisiifatanii, tajaajila fayyaa sadarkaa jalqabaa akkasumas carraaqqiiwwan sirna fayyaa walii gala fooyyessuuf taasifamaniif Giloobaal Fandiin deeggarsa taasisu akka itti fufu gaafataniiru.
Daarektarri olaanaa Giloobaal Fandii Piiter Saandis, ulaagaa madaallii hedduutiin Itiyoophiyaan bu’aa gaarii galmeessisuushee ibsanii, Itiyoophiyaa waliin hojjechuun akka isaan boonsu dubbataniiru.
Tumsi kun bu’aa guddaa galmeessisuuf dandeessisuunsaa pirojektoonni bu’a qabeessa ta’uusaaniif akka fakkeenyaatti eeruusaanii odeeffannoon ministeericharraa argame nimul’isa.
Itiyoophiyaan Bajata Fayyaaf ramaddu guddisuun ishee fakkeenya ta’uu akka qabu ibsaniiru.
De’eetaan ministira Fayyaa Dr. Darajjee Dhugumaa dabalatee hooggantoonni olaanoon kan hirmaatan yoo ta’u Faayinaansiingii Fayyaa, ulaa fandii guutuu, oomisha biyya keessaa guddisuu fi dhukkuba ittisuurratti mariin taasifameera.