Mootiin Aswaatiinii Miswaatii Sadaffaa Masaraa Biyyaalessaa daawwatan - ENA Afaan Oromoo
Mootiin Aswaatiinii Miswaatii Sadaffaa Masaraa Biyyaalessaa daawwatan

Guraandhala 9/2017(TOI)-Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee Mootii Aswaatiinii Miswaatii saalsaawii Masaraa Biyyaalessaa daawwachiisan.
Mootiin Miswaatii Sadaffaa wayita kana, pirezidaantichaan afeeramanii Masaraa biyyaalessaa daawwachuusaaniitti gammaduu isaanii ibsaniiru.
Masaraan biyyaalessaa seenaa hedduu of keessaa akka qabu argeera jedhan.
Hooggantoonni Afriikaa durii tokkummaa Afriikaaf kan itti mari’atan, maaddii wliin kan itti qooddatan, walumaa gala murtoowwan gurguddoo carraa Afriikaa murteessan itti dabarsan ta’uun adda isa taasisa jedhaniiru.
Kunis Mootuu Hayilasillaasee jalqabaa dabalatee hooggantoonni Itiyoophiyaa gumaacha Afriikaaf itti taasisan kan agarsiisu akka ta’e ibsaniiru.