Qulqullina Tajaajila Fayyaa Naannichaa Fooyyessuuf xiyyeeffannoon Taasifameera

Guraandhala 10/2017 (TOI)-Qulqullinaa fi bu’a qabeessummaa Tajaajila Fayyaa Naannoo Sidaamaa Fooyyessuuf xiyyeeffatamee hojjetamaa akka jiru Biiroon Fayyaa naannichaa beeksise.

Biirichi hooggantoonni Biioo fi godinaalee bakka argamanitti Ambulaansotaa 10 fi Doqdoqqeewwan38 ministeera fayyaa harkaa fudhate  aanaalee naannichaaf dabarseera.

Hooggantuun Biiroo Fayyaa naannichaa Dr. Salaamaawiit Mangashaa akka jedhanitti, naannichatti qulqullinaa fi bu’a qabeessummaa tajaajilaa fooyyessuuf sosochiin “Bu’aa fi qulqullinaaf haa hojjennu” jedhu naannicha keessatti hojjetamaa tureera.

Carraaqqiiwwan bu’a qabeessummaa fi qulqullina tajaajila dhaabbilee Fayya fooyyessuuf taasifaman keessaa galtee guuttachuu fakkeenyaaf kaasaniiru.

Ambulaansonnii fi Doqdoqqeewwan ministeera fayyaarraa argaman kunneen du’a balaa tasaan mudatu hir’isuuf akka deeggaran ibsaniiru.

Bulchaan godina jiddu galeessa Sidaamaa obbo Mangistuu Maatewoos akka jedhanitti, deeggarsi kun tajaajila Fayyaa bu’a qabeessaa fi qulqulluu gama gochuun faayidaa guddaa qaba.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015