Itiyoo Telekoom Neetwoorkii Moobaayilii dhaloota shanaffaa magaalaa Jimmaatti Jalqabsiise

Guraandhala 10/2017(TOI)- Itiyoo Telekoom tajaajila Neetwoorkii Moobaayilii dhaloota shanaffaa har’a magaalaa Jimmaatti Jalqabsiise.

Hojii raawwachiiftuu olaantuun Itiyoo Telekoom Fireehiywoot Taammiruu fi miseensonni hooggantoota olaanaa kaampaanichaa akkasumas hooggantoonni olaanaa magaalaa Jimmaa fi godina Jimmaa fi maamiltoonni tajaajilichaa sagantaa jalqabsiisaa irratti argamaniiru.

Hojii raawwachiiftuun olaantuu kun wayita kana akka jedhanitti, kaampaanichi tajaajila isaa fooyyessuun dijitaal Itiyoophiyaa dhugoomsuuf imalarratti argama.

Tajaajilli neetwoorkii dhaloota shanaffaa tajaajila neetwoorkii si’ataa ta’uu kaasanii, Finfinnee dabalatee magaalota Itiyoophiyaa 12 keessatti tajaajila kennaa jira.

Tajaajilli neetwoorkii Moobaayilii(5G) maamiltoonni tajaajila si’ataa yeroo waliin deemu akka argatan dandeessisa jedhaniiru.

Tajaajilli Neetwoorkii moobaayilii dhaloota shanaffaa har’a magaalaa Jimmaatti jalqabame hojiiwwan hawaasummaa fi dinagdee magaalaa Jimmaa fi naannawasheetti hojjetaman aala fooyya’een raawwachuuf kan gargaarudha jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015