Afriikaatti dhukkuba Sombaa to’achuuf tumsi biyyoota miseensaa cimuu qaba - ENA Afaan Oromoo
Afriikaatti dhukkuba Sombaa to’achuuf tumsi biyyoota miseensaa cimuu qaba

Guraandhala 11/2017(TOI)- Afriikaatti dhukkuba Sombaa to’achuuf tumsi biyyoota miseensaa cimuu akka qabu jedhameera.
Waltajjiin maree Neetwoorkii Afriikaatti dhukkuba Sombaa to’achuu dandeessisu kan waggaa Finfinneetti taa’amaa jira.
Itiyoophiyaa dablatee bakka bu’oonni biyyoota kibbaa Afriikaa, Baha Afriikaa, Lixa Afriikaa fi Jiddugaleessaa Afriikaa 22 maree tumsa biyyoota miseensaa cimsuun dhukkuba Sombaa to’achuun danda’amurratti taasifamaa jiru kanarratti hirmaataniiru.
Walgahicharraatti kan hirmaatan de’etaan ministira Fayyaa Dr. Darajjee Dhugumaa, Mootummaan Itiyoophiyaa carraaqqii dhukkuba Sombaa to’achuuf taasifamu deeggaruuf kutannoo akka qabu ibsaniiru.
Qorannoowwan taasisuuf rakkoo bajataa mudachaa jiru furuuf biyyoonni miseensaa qabeenya biyya keessaa walitti qabuuf hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.
Marii Kanaan muuxannoo walii qooduun, muuxannoon gaariin akka qindaa’u, tumsi daangaa cehu akka cimuu fi adeemsi qindoominaa qoratamuu akka qabu dubbachuusaanii odeeffannoon ministeera fayyaarraa argame nimul’isa.