Ambaasaaddar Misgaanuu Argaa Hooggantuu jiddugaleessa misooma imaammataa godaantota idil addunyaa waliin mari’atan - ENA Afaan Oromoo
Ambaasaaddar Misgaanuu Argaa Hooggantuu jiddugaleessa misooma imaammataa godaantota idil addunyaa waliin mari’atan

Guraandhala 11/2017(TOI)- De’eetaan ministira dhimma alaa Ambaasaaddar Misgaanuu Argaa Hooggantuu jiddugaleessa misooma imaammataa godaantota idil addunyaa Moniikaa Zannetee waliin mari’atan.
Marii kanaanis tumsa waloo dhimma godaantotaa irratti qaban ilaalchisuun mari’atiiru.
Haala wal fakkaatuun jiddugaleessi imaammata misoomaa godaantota idil addunyaa haala Itiyoophiyaatti biiroo banuuf dandeessisurratti mari’achuusaanii odeeffannoon miisteericharraa argame nimul’isa.