Magaalaa Jimmaa Smaart siitii gochuuf waliigalteen mallatteeffame

Guraandhala 11/2017 (TOI)-Magaalaa Jimmaa jiraattotaaf mijataa taasisuu fi kenniinsa tajaajilaa si’achiisuuf wliigalteen “Pirojektii Smaart Siitii” mallatteeffameera.

Waliigaltichi Itiyoo-Telekoom fi bulchiinsa magaalaa Jimmaa jidduutti mallatteeffameera.

Guyyaa kaleessaa neetwoorkii Mobayilii dhaloota shanaffaa (5G) magaalaa Jimmaatti kan jalqabsiise Iyiyoo-Telekoom har’ammo Jimma Smaart Siitii gochuuf waliigaleera.

Pirojektichi kenniinsa tajaajilaa bulchiinsa magaalichaa nimijeessa, bulchiinsa odeeffannoo nisi’achiisa, damee nageenyaa fi geejjibaa fooyyessuuf nigargaara jedhameera.

Hojii raawwachiiftuun olaanaa Itiyoo-Telekoom Fireehiywoot Taammiruu, kaampaanichi hojii magaalaa Jimmaa ammayyeessuuf taasifamuuf kan irraa eegamu niraawwata jedhan.

Itiyoo-Telekoom bu’ura misoomaa Telekoomii fi Infoormeeshin Komunikeeshinii qindaa’aa dhiheessuuf akka hojjetu himaniiru.

Kantiibaan magaalaa Jimmaa Obbo Xaahir Qamar gamasaaniin, magaalaa Jimmaa “Smaart Siitii” gochuuf waliigalteerra akka gahame dubbataniiru.

Magaalaan Jimmaa bu’ura misoomaa fooyya’aa akka qabaattu, nageenyii fi tasgabbiinshee kan mirkanaa’e akka ta’u dijitaal teeknooloojiitti fayyadamuunshee sirrii ta’uu kaasaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015