Guraandhala 14 irraa eegalee talaalliin ittisa pooliyoo biyyaalessaa nikennama-ministeera Fayyaa - ENA Afaan Oromoo
Guraandhala 14 irraa eegalee talaalliin ittisa pooliyoo biyyaalessaa nikennama-ministeera Fayyaa

Guraandhala 11/2017(TOI)- Guraandhala 14 irraa eegalee duulli talaallii ittisa pooliyoo biyyaalessaa qindaa’aan akka kennamu ministeerri Fayyaa beeksise.
Dhukkubni pooliyoo daa’imman waggaa shanii gadii irratti babal’achaa waan jiruuf talaalliin kun yeroo yeroon nilennama.
Talaallii dhukkuba Pooliyoo ilaalchisuun ministeerri fayyaa har’a ogeeyyota miidiyaaf waltajjii hubannoo uumu adeemsiseera.
Ministeerra Fayyaatti ogeessi sagantaa talaallii obbo Masfin Kaasayee akka jedhanitti, Guraandhala 14/2017 irraa eegalee guyyoota afur walitti aansuun duulli talaallii Pooliyoo ni’adeemsifama.
Marsaa jalqabaan naannolee 10 keessatti daa’imman miiliyoona 14 ta’an talaaluun karoorfamuu ibsaniiru.
Marsaan tokkoffaa erga xumuramee baatii tokko booda duulli marsaa lammaffaa naannolee hafan keessatti akka itti fufu ibsaniiru.
Talaallichi manaa-manatti, manneen barnootaa, oolmaa daa’immanii fi dhaabbilee fayyaa keessatti tolaan akka kennamu eeraniiru.
Duulli kun hawaasa bira akka gahu miidiyaaleen idirqama ogummaasaanii akka bahanwaamicha taasisaniiru.