Dhaabbileen qulqullina oomishaa fi tajaajilaa mirkaneessuun guddina biyyaaf qoodasanii bahuu qabu - ENA Afaan Oromoo
Dhaabbileen qulqullina oomishaa fi tajaajilaa mirkaneessuun guddina biyyaaf qoodasanii bahuu qabu

Guraandhala 12/2017(TOI)- Dhaabbileen qulqullina oomishaa fi tajaajilaa mirkaneessuun guddina biyyaaf qoodasanii bahuu akka qaban dhaabbanni badhaasaa qulqullinaa Itiyoophiyaa beeksise.
Dhaabbatichi mata duree “karaa moodela ga’oomaa aadaa qulqullinaa” jedhuun waltajjii ga’oomaa marsaa sadaffaa qooda fudhattoota waliin waltajjii adeemsiseera.
Eeggataan pirezidaantii Yuunivarsiitii Finfinnee fi walitti qabaan boordii dhaabbata badhaasaa qulqullinaa Itiyoophiyaa Dr. Saamu’eel Kiflee , hojii raawwachiisaan dhaabbatichaa Tewoodiroos Mabraat, hooggantoonni mootummaa olaanoon maricharratti argamaniiru.
Dhaabbatichi ga’umsa dorgomummaa idil addunyaa guddisuu fi yaada qulqullina jedhu qabsiisuun aadaa akka ta’u akeekuun bara 2000 hundaa’e.
Eeggataan pirezidaantii Yuunivarsiitii Finfinnee fi walitti qabaan boordii dhaabbata badhaasaa qulqullinaa Itiyoophiyaa Dr. Saamu’eel Kiflee waltajjichi dhaabbilee qulqullinaa raawwii fooyya’aa qabanirraa muuxannoo kan itti fudhatamu ta’uu dubbataniiru.
Dhaabbileen oomishaa fi tajaajila isaanii si’ataa fi ammayyaa taasisuun biyyarra darbee sadarkaa idil addunyaatti akka dorgoman hojjechuun akka irraa eegamu dubbataniiru.
Hooggantoonni dhaabbilee garagaraa gamasaaniin, mariin kun oomisha fi tajaajila fooyyee qabuuf akka isaan qopheessu ta’uu mirkaneessaniiru.
Hojii raawwachiisaan dhaabbatichaa Tewoodiroos Mabraat gamasaaniin, mariin kun muuxannoo walii qooduurra darbee hayyoonni damee kanaa waa’ee qulqullinaa fi ga’oomaa argannoo qorannoo isaanii kan itti dhiheessan, dhaabbileen hariiroo kan itti uuman ta’uu dubbataniiru.