Yuunivarsiitiin Dambii Doolloo biqiltuu Bunaa fooyya’an qonnaan bulaaf Raabsuufi

Guraandhala 12/2017(TOI)- Yuunivarsiitiin Dambii Doolloo biqiltuu Bunaa fooyya’an miiliyoona tokko ta’u qonnaan bulaaf Raabsuuf qophaa’uusaa beeksise.

Yuunivarsiitichatti daarektarri jiddu gala qorannoo qonna qindaa’aa Sooressaa Shuumaa TOI’tti akka himanitti, Yuunivarsiitichi sanyii bunaa jiddu galeessa Jimmaa fi kanneen biroo irraa qorannoon argaman akaakuu 12 madaqasuun fi baay’isuun Caamsaa dhufu qonnaan bulaaf raabsuuf qophaa’eera.

Biqiltuun Bunaa Raabsiif qophaa’an dhukkuba damdamachuun heektaara tokkorraa oomisha kuntaalli 14 akka argamu dubbataniiru.

Waggaa 2 amma 3tti oomisha kennuu akka jalqabanis daarektarichi himaniiru.

Biqiltuun bunaa kunneen qonnaan bultoota godinaalee Qeellam Wallaggaa fi Lixa Wallaggaaf akka raabsaman beeksisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015