Biyyoonni Afriikaa waadaa isaanii eeganii hojiirra oolmaa qaxanaa daldala bilisaa Afriikaaf kutannoon hojjechuu qabu

Guraandhala 12/2017(TOI)- Biyyoonni Afriikaa waadaa isaanii eeganii hojeeffama walii galtee qaxanaa daldala bilisaa Afriikaaf kutannoon hojjechuu akka qaban Baankii misooma Afriikaatti daarektarri Biiroo qindeessaa walitti makama qaxanaa Dr. Jooy Kategewaa hubachiisaan.

Baankiin misoomichaa Afriikaa dameewwan walitti hidhamiinsa bu’ura misoomaa mijeessan irratti tokko taate uumuuf deeggarsi taasisu cimee akka itti fufu beeksiseera.

Qaxanaan daldala bilisaa Ardii Afriikaa A.L.A bara 2020 waajjira sekreetariyaatii isaa Finfinneetti erga banatee kaasee walitti hidhamiinsa daldala bilisaa Afriikaa mijeessuuf hojjechaa jira.

Yeroo ammaa biyyoonni Afriikaa 48 waliigaltee qaxanaa daldala bilisaa raggaasuun kanneen keessaa19 daldala waljijjiiruu akka jalqaban odeeffannoon waajjirichaa nimul’isa.

Baankii misooma Afriikaatti daarektarri Biiroo qindeessaa walitti makama qaxanaa Dr. Jooy Kategewaa Baankichi sochii daldalaa fi Invastimantii Afriikaanotaa kan gargaarudha jedhan.

Qaxanaan daldala bilisaa Afriikaa kunis imaammata fi seerota taarifa biyyootaa sirreessuun sirna daldalaa Afriikaa walsime uumuun dinagdee tasgabbaa’e ijaaruuf faayidaa guddaa akka qabaatu dubbataniiru.

Qaxanaan daldala bilisaa Ardii Afriikaa sirna daldalaa ammayyaan Afriikaa walitti hidhuun qabeenyasheetti fayyadamuun guddina dinagdee akka mirkaneessitu kan dandeessisu akka ta’e beeksisaniiru.

Afriikaa daldalaa fi dinagdeen walitti makamte dhugoomtee arguun kaayyoo baankichaa kan jalqabaati kan jedhan daarektarittiin, qaxanaan daldala bilisaa Afriikaas walitti makama dinagdee milkeessuuf faayidaa guddaa qabaata jedhaniiru.

Biyyoonnis akkataa waadaa galaniin waliigaltee qaxanaa daldala bilisaa Afriikaa hojeessuun badhaadhina Afriikaa dhugoomsuuf kutannoon hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.

Kun hojiirra akka oolu imaammata daldalaa fi hojmaata duraanii fooyyessuun dameewwan Industirii fi tajaajilaa dorgomummaa damee dhuunfaa guddisuu dandeessisan irratti xiyyeeffatamee hojjechuun akka barbaachisu ibsaniiru.

Hojiin misoomaa Itiyoophiyaan sagantaalee garagaraan hojjechaa jirtu carraaqqii gabaa Afriikaa uumuuf taasifamuuf gumaacha gaarii kan bahu ta’uu kaasaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015