Baatii Jahan darban Finfinneetti galiin birrii biiliyoona 111 tuqaa 5 walitti qabameera

Guraandhala 12/2017(TOI)- Baatii Jahan darban bulchiinsa magaalaa Finfinneetti galiin birrii biiliyoona 111 tuqaa 5 walitti qabamuu Kantiibaa Adaanech Abeebee ibsan.

Manni maree bulchiinsa magaalaa Finfinnee yaa’ii idilee lammaffaa waggaa afraffaa taa’aa jira.

Baatii Jahan darban galiin birrii biiliyoona 111 tuqaa 5 walitti qabamuu isaa fi  kunis kan bar-dheeggaddaa yeroo walfakkaataa birrii biiliyoona 37 tuqaa 2’n akka caalu kantiibaa Adaanechi yaa’icharratti ibsaniiru.

Dhaabbileen daldalaa sirna taaksii dabalataa keessa galuu osoo qabanii hingalle kuma 8 fi 450 akka galan taasifamuu himaniiru.

Walsimiinsii fi guddinni galii fi baasii kun magaalaan keenya jijjiirama guddaa keessa akka jirtu agarsiisa jedhaniiru.

Kana malees bajanni keenya harki 71 misooma egeree, hiyyuma hir’isuu fi dhiibbaa jireenya ummataa hir’isuuf ooluunsaa xiyyeeffannoo jiraattota magaalaa keenyaaf kenninee fi amanamummaan tajaajilaa akka jirru kan agarsiisudha jechuun ibsaniiru.
 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015