Godina Shawaa bahaatti jallisii boneerraa oomishni kuntaala miiliyoona 16 caalu ni’eegama - ENA Afaan Oromoo
Godina Shawaa bahaatti jallisii boneerraa oomishni kuntaala miiliyoona 16 caalu ni’eegama

Guraandhala 12/2017(TOI)-Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa bahaatti jallisii boneerraa oomisha kuntaala miiliyoona 16 caalu argachuuf karoorfamee hojjetamaa akka jiru waajjirri qonnaa godinichaa beeksise.
Oomishni qamadii jallisii boneen godinichatti misoome walitti qabamuu jalqabuun ibsameera.
Hoogganaan waajjira qonnaa godina Shawaa bahaa obbo Masfin Tashoomaa TOItti akka himanitti, godinichatti qamadiin jallisii bonee waggaa afur dura aanaa tokko keessatti heektaara 250 irratti ture yaaliif kan eegalame.
Yeroo ammaa misoomni Qamadii jallisii bonee godinicha gandoota 164 kessatti lafa heektaara kuma 395 irratti misoomaa jira jedhaniiru.
Qonnaan bulaan oomisha gaarii akka argatu xaa’oo fi deeggarsa ogummaa taasisuun kuntaala miiliyoona 16 tuqaa 1 argachuuf karoorfamee hojjetamaa jira jedhan.
Lafa amma ammaatti qotam e heektaara kuma 395 keessaa amma ammaatti heektaara kuma 285 irra sanyiin facaafamuu ibsaniiru.
Oomishni walitti qabamaa jiru heektaararraa kuntaalli 70 caalu argamaa akka jiruu fi oomishtummaan jiddugaleessaan kuntaala 40 qaqqabuu ibsaniiru.
Oomishni walitti qabamuuf qaqqabe harki 85 kombaayinariin walitti qabamaa akka jiru ibsaniiru.
Qonnaan bulaan oomisha argaturraa qusatee tiraaktara 200 binneerra kan jedhan hoogganaan kun, baranas 200 bituuf karoorfameera jedhaniiru.