Dhimmoota Teekniikaa Waliigaltee Ankaaraa irratti mariin taasifame

Guraandhala 12/2017(TOI)- Dhimmoot Teekniikaa Waliigaltee Ankaaraa Itiyoophiyaa fi Somaaliyaa jidduutti taasifame irratti mariin marsaa jalqabaa har’a magaalaa Tarkiyyee Ankaaraatti taasifameera.

Marii Waltajjii Ministirri dhimma alaa Tarkiyyee Haakaan Fiidaan mijeessan irratti gama Itiyoophiyaan ministirri dhimma alaa Dr. Geediyoon Ximootiyoos fi gama Somaaliyaan itti aanaan ministira dhimma alaa Alii Mohaammad Omaar hirmaataniiru.

Mari’attoonni lamaan waliigalticha qabatamaan lafa qabsiisuuf akkasumas faayidaa waloo mirkaneessuuf hojjetamaa jiraachuu marii taasisan irratti kaasuu isaanii odeeffannoon ministeera dhimma alaa nimul’isa.

Biyyoonni lamaan walitti dhufanii dhimma waloo isaaniirratti akka mari’atan carraaqqii Turkiyyeen taasiftuuf galateeffataniiru.

Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad fi pirezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad Jalqaba baatii Muddee darbe afeerraa pirezidaantiin Tarkiyyee Resiip Xayiib Erdoganiin Ankaaraatti wal arganii waliigalticha mallatteessuun isaanii niyaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015