Damee Industirii Oomishaa babal’isuun badhaadhina akeekkanneef murteessaadha- Itti aanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa - ENA Afaan Oromoo
Damee Industirii Oomishaa babal’isuun badhaadhina akeekkanneef murteessaadha- Itti aanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa

Guraandhala 13/2017(TOI)- Damee Industirii Oomishaa babal’isuun badhaadhina akeekkanneef murteessaadha jechuun ibsan Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa
Itti aanaan ministira muummee, Intarpiraayiziin misooma industirii Sibiilaa fi Teeknooloojii maashinii Amaaraa gumaacha badhaadhinaaf qabaatan eeraniiru.
Pooliiwwan Smaartii, haguuggiin Diichii fi oomishtoonni biroo magaalaa Bahaar Daaritti oomishaman misooma kooriidarii naannichatti hojjetamaa jiraniif faayidaarra ooluu jalqabuusaanii ergaa fuula marsariitii isaaniirratti dabarsaniin ibsaniiru.