Bu’aaleen misoomaa hunda galeessi Itiyoophiyaan galmeessifte aartii hooggansaa kan beekumsaa fi ga’umsaa irratti hundaa’eeni. - ENA Afaan Oromoo
Bu’aaleen misoomaa hunda galeessi Itiyoophiyaan galmeessifte aartii hooggansaa kan beekumsaa fi ga’umsaa irratti hundaa’eeni.

Guraandhala 13/2017(TOI)- Bu’aaleen misoomaa hunda galeessi Itiyoophiyaan galmeessifte aartii hooggansaa kan beekumsaa fi ga’umsaa irratti hundaa’een akka ta’e gorsaan olaanaa pirezidaantii Baankii Afiikaa Dr. Viiktor Olaadukuu ibsan.
Itiyoophiyaan ajandaa 2063 Afriikaan qabatte milkeessuuf hojiiwwan hedduu raawwachaa akka jirtu gorsaan kun ibsaniiru.
Gorsaan olaanaa Baankii Afriikaa Dr. Viktor Olaankuu hojiiwwan misoomaa fi misoomaan walqabatan kan Itiyoophiyaatti raawwatamaa jiran ilaalchisuun TOI waliin turtii taasisaniiru.
Yaadama Afriikaa barbaannu dhugoomsuuf jedhuun Afriikaaan waggaa shantamaaf kan ittiin gaggeeffamtu ajandaa 2063 bocuun hojeessaa kan jirtu yoo ta’u, biyyoonni ajandaa kana milkeessuuf xiyyeeffatanii hojjechaa jiru.
Ajandaan kun kallattiiwwan xiyyeeffannoo torba kan ofkeessaa qabuu fi guddina Afriikaa, nageenya lammiilee fi fudhatama idil addunyaa mirkaneessuuf haala mijataa kan uuman ta’uu ibsaniiru.
Haala Kanaan sochiiwwan si’ataa Itiyoophiyaan taasisaa jirtu jiraattota gara jireenya fooyya’aatti kan ceesisudha jedhaniiru.
Misoomni Qamadii wabii nyaataa agama mirkaneessuun sadarkaa Afriikaatti fakkeenya isa tokko ta’uu ibsanii, kunis Afriikaa badhaate dhugoomsuuf qooda guddaa qaba jedhan.
Itiyoophityaan hojiiwwan misoomaa fakkeenya ta’an galmeessisuunshee kan dinqisiifamuu fi kan jajjabaachuu qabudha jedhaniiru.
Kun ammoo aartiin hooggansaa cimaa fi beekumsa irratti hundaa’e jiraachuu isaa kan mirkaneessu ta’uu Dr. Viiktor ibsaniiru.
Itiyoophiyaan hojmaata ammayyaa, si’ataa fi bu’aa qabatamaa fidan hordofuun raawwii guddaa agarsiisuushee dhugaa bahaniiru.
Kanaaf ammoo ijaarsonni bu’ura misoomaa gurguddoon Finfinneetti hojjetaman agarsiiftuu ta’uu ibsaniiru.