Ministirri Caaltuu Saanii hojiiwwan misoomaa magaalaa Arbaa Minci daawwatan

Guraandhala 13/2017 (TOI) - Ministirri magaalaa fi bu’ura misoomaa Caaltuu Saanii hojiiwwan misoomaa magaalaa Arbaa Minci daawwachaa jiru.

Itti aantuun hooggantuu biiroo hojii fi misooma magaalaa naannoo kibba Itiyoophiyaa Yemiissiraach Gemmedee TOItti akka himanitti, ministirittiin hooggantoota bioo waliin ta’uun hojiilee misoomaa magaalaa Arbaa Mincitti hojjetamaa jiran ilaalaa jiru.

Kanneen daawwatamaa jiran keessaa misooma Kooriidarii, , daandii fi ijaarsi bu’uraalee misoomaa biroon keesatti argamu.

Akkasumas tajaajilli mana qopheessaa, kaadaastariin magaalaa Arbaa Mincii fi hojiiwwan misoomaa Seeftii neetii nidaawwatamu.

Sadarkaa hojiiwwan bu’ura misoomaa mootummaa fi hirmaannaa ummataa magaalaa Arbaa Mincitti hojjetamaa jiran irra jiran ilaaluun ciminaan akka hojjetaman kallattiin nikaa’ama jedhamee akka eegamu himaniiru.

Hooggantoonni  mootummaa Federaalaa, naannoo, kibba Itiyoophiyaa, godina Gaamoo fi bulchiinsa magaalaa Arbaa daawwannaa kanarratti hirmaachaa jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015