Foramiin Invastimantii Itiyoophiyaa fi Sudaan Kibbaa Juubaatti nitaa’ama - ENA Afaan Oromoo
Foramiin Invastimantii Itiyoophiyaa fi Sudaan Kibbaa Juubaatti nitaa’ama

Guraandhala 13/2017(TOI)- Foramiin Invastimantii Itiyoophiyaa fi Sudaan Kibbaa kan lammaffaa Caamsaa 17 amma 19 bara 2017Juubaatti nitaa’ama.
Foramicha adeemsisuuf koreen qindeessaa qooda fudhattoota garagaraa irraa walitti dhufe hundeeffamee qophiin jalqabamuu odeeffannoon Embaasiin Itiyoophiyaa Juubaatti argamu nimul’isa.
Koreen kun Embaasicha dabalatee ministeera dhimma alaa fi tumsa idil addunyaa Kibba Sudaan, ministeera daldalaa fi Industirii, ministeera Invastimantii kibba Sudaan, daldala biyyaalessaa Kibba Sudaan, mana maree Industirii fi qonnaa fi Kibba Sudaanitti kominiitii Biizinasii Itiyoophiyaa ofkeessatti kan hammatedha.
Foramiin Invastimantii Itiyoophiyaa fi Kibba Sudaan kan jalqabaa A.L.Atti baatii Caamsaa 2024 Juubaatti taa’amuunsaa niyaadatama.
Foramichi walitti hidhamiinsa daldalaa fi Invastimantii biyyoota lamaanii cimsuurratti kan xiyyeeffatedha.
Dabalataanis hariiroo hawaasa daldalaa biyyoota lamaanii gabbisuufis kan kaayyeffatedha.