Komishiniin marii biyyaalessaa waggaa tokko keessatti hojiiwwan hafan nixumura-Piroofeesar Masfin Ar’ayaa

Guraandhala 13/2017(TOI)- Komishiniin marii biyyaalessaa waggaa tokko keessatti hojiiwwan hafan xumuruun ajandaa  bocee akka ifoomsu Piroofeesar Masfin Ar’ayaa beeksisan.

Komishinichi raawwii hojii waggoottan sadan darbanii fi hojii waggaa tokko keessatti hojjetu ilaalchisuun har’a gaazexessitootaaf ibsa kenneera.

Komishinarri olaanaa komishinichaa Pirofeesar Masfin Ar’ayaa, akka ibsanitti, komishinichi waggaa tokko keessatti hojiiwwan hafan xumuruun marii adeemsisuuf nihojjeta.

Dabalataanis hirmaattota qaamolee diyaasporaa kan fo’atu yoo ta’u hirmaattota yaa’ii maree bakka buusuuf kan hojjetu ta’uu ibsaniiru.

Haala Kanaan waggaa tokko kana keessatti ajandaa bocuu fi ifoomsuu, gorsitoota fi mijeessitoota akka adda baasus eeraniiru.

Yaada mareerraa argatu qindeessee kan dhiheessu ta’uus dubbataniiru.

Sosochii biyyaalessaa uumuun hubannoon akka uumamu kan hojjetu ta’uus beeksisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015