Tumsi dippilomaasii gamlamee fi heddumminaa Itiyoo-Ruusiyaa cimee itti nifufa-Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee

Guraandhala 13/2017(TOI)- Tumsi dippilomaasii  gamlamee fi heddumminaa  Itiyoo-Ruusiyaa kan baratti cehe cimee akka ittifufu Pirezidaantiin RDFI Taayyee Atsqasillaasee ibsan.

Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee Af-yaa’ii mana maree federaalaa federeeshinii Ruusiyaa Valentiinaa Matviiyenkoo waliin mari’ataniiru.

Marii kunis dhimmoota tumsaa fi michooma dippilomaasii seenaa, siyaasaa fi dinagdee Itiyoophiyaa fi Ruusiyaa cimsuu dandeessisan irratti kan xiyyeeffatedha.

Itiyoophiyaa fi Ruusiyaan biyyoota tumsa seena qabeessa gamlamee fi heddumminaa qajeelfamarratti hundaa’e qabanidha jedhan Pirezidaant Taayyeen wayituma kana.


 

Biyyoonni lamaan tumsi gama saayinsii, barnoota, aadaa akkasumas dameewwan dippilomaasii garagaraan qaban cimee akka itti fufu ibsaniiru.

Daawwannaan Af-yaa’iin mana maree federaalaa federeeshinii Ruusiyaa Valentiinaa Matviiyenkoo itiyoophiyaatti taasisan tumsa hundagaleessa biyyoota lamaanii cimsuu akka dandeessisu ibsaniiru.

Saayinsii fi Teeknooloojiin akkasumas damee dinagdeen hariiroo cimsuuf kutannoo jirurratti marii taasisuu isaanii dubbataniiru.

Af-yaa’ii mana maree federaalaa federeeshinii Ruusiyaa Valentiinaa Matviiyenkoo turtii Itiyoophiyaatti taasisaniin ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad fi hooggantoota dhaabbilee federaalaa biroo waliin mari’ataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015