Itiyoophiyaa fi Ruusiyaan tumsa damee Invastimantiin qaban guddisuuf waliigalan - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaa fi Ruusiyaan tumsa damee Invastimantiin qaban guddisuuf waliigalan

Guraandhala 13/2017(TOI)- Itiyoophiyaa fi Ruusiyaan Invastimantii biyyoota lamaanii guddisuuf walii galaniiru.
Komishinariin komishinii Invastimantii Itiyoophiyaa Dr. Zallaqaa Tamasgeen garee jilaa ministira dinagdee Ruusiyaa Maksiim Raashtiiniikooviin durfamu waliin waajjira isaaniitti mari’ataniiru.
Riifoormiin mootummaan damee dhuunfaa guddisuu fi dirree Invastimantii mijataa uumuuf taasisaa jiruu fi carraaqqiin Invastimantii babal’isuuf taasisaa jiru ilaalchisuun jila kanaaf ibsa taasisaniiru.
Hariiroon hunda galeessi biyyoota lamaanii waggaa dheeraa ta’e dinagdee fi Invastimantiin akka guddatu mootummaan Itiyoophiyaa kutannoo akka qabu komishinarichi ibsaniiru.
Biyyisaanii tumsa dinagdee fi invastimantii dhuunfaan Itiyoophiyaa waliin qabdu guddisuuf fedhii qabdi jedhan Ministirri dinagdee Ruusiyaa Maksiim Rashtiiniikoov.
Ruusiyaa fi Itiyoophiyaan misooma qabeenya albuudaa, oomisha Xaa’oo, humna elektiriikii madda haaromfamurraa maddisiisuu fi dameewwan teeknoloojii odeeffannoo fi zooniiwwan dinagdee addaa ammayyeessuun tumsaan hojjechuuf waliigalteerra gahaniiru.
Biyyoonni lamaan dameewwan invastimantii fi pirojektoota waliin fo’achuu itti danda’an foramiiwwan Invastimantii fi Biizinasii fuuldura waliin akka adeemsisan ibsuusaanii odeeffannoon Komishinicharraa argame nimul’isa.