Tumsi dippilomaasii gamlamee Itiyoophiyaa fi Ruusiyaa bu’ura cimaarratti kan hundaa’edha-Valentiinaa Matveeyeenkoo

Guraandhala 13/2017(TOI)- Tumsi dippilomaasii gamlamee Itiyoophiyaa fi Ruusiyaa bu’ura cimaarratti kan hundaa’e ta’uu dura teessuun mana maree federeeshinii Ruusiyaa Valentiinaa Matveeyeenkoo ibsan.

Valentiinaa Matveeyeenkoo, daawwannaa hojii guyyoota lamaaf Itiyoophiyaatti taasisaa turan xumuranii har’a biyyasaaniitti daabi’aniiru.

Af-yaa’iin mana maree federeeshinii Aganyoo Tashaagar buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Booleetti argamuun dura teessuu kana gaggeessaniiru.

Dura teessuun Valentiinaa Matveeyeenkoo simannaa dinqisiisaa Itiyoophiyaatti isaaniif  taasifameef maqaa koo fi garee jilaan guddaa galateeffachuun barbaada jedhaniiru.


 

Daawwannaa Kanaan guddaa gammaduusaanii fi hariiroon dippilomaasii biyyoota lamaanii akkuma waggoottan darbanii cimaa fi kan hinsochoone ta’ee kan itti fufu ta’uusaa arguusaanii dubbataniiru.

Af-yaa’ii Aganyoo Tashaagar gamasaaniin,  daawwannaan fi mareen garee jilaa kun guyyoota lamaaf Finfinneetti taasisee bu’a qabeessa akka ture dubbataniiru.

Tumsi dippilomaasii Ruusiyaa fi Itiyoophiyaa jidduutti yeroo dheeraaf ture fuulduras cimee akka itti fufu ibsuusaanii odeeffannoon mana maree federeeshiniirraa argame nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015